|
A Glimpseof Qeerroo's one Year Report
(Qeerroo, Finfinnee,15 Ebla 2012) It was last year on April 15, 2011 when Qeerroo: The National Youth Movement for Freedom and Democracy was officially launched with the first manifesto of Qeerroo.
The manifesto sys, “We, Oromo and all other oppressed peoples students, declare to the world and the Ethiopian peoples that we are committed to be first in torching the revolution. Given the recent history of Oromo students’ movement, we are cognizant of the price of freedom.We are determined to die in freedom than living in slavery.”
Getting organized in Oromia, in schools, higher education institutions, and at their work places, they indeed did, and are still doing what they said they would do in their manifesto. And they paid the price of freedom as they expected in their manifesto by saying “we are cognizant of the price of freedom”.
The following chart summarizes (by Month) the number of Oromo students and other nationals arrested, as it is reported on the website of Qeerroo, since its formation: April, 2011 through March, 2012.
Daandii Qajeelaa's short summary report is as follows. Read More
(Qeerroo, 5/04/2012) Qeerroon BIlisummaa website isaa bifa haaraan hojjachiisaa akka jiru beekame; gidduu kana sababa kanaan oduu fi odeessa dabarsuu hanqachuu isaaf dhiifama jedhee jira.
Qunnamtiin Qeerroo akka beeksisetti, website Qeerroo wayyeessuun waan barbaachiseef irratti hojjatamaa jira. Haata'uutii akka yaadametti dafee dhaqqabuu waan hanqateef, karaa toora website duraan turee tajaajila itti fufuif waan xiqqoo jijjirama akka godhee jiru beeksisee jira.
Akka kanaanis, yeroo ammaa kanatti www.qeerroo.org oduu fi odeessa akkuma duraan ture sanatti tamsaasuu isaa kan itti fufe ta'uu dabalee hubachiisee, rakkina gidduu kana umamee tureefis, dhiifama guddaa gaafatee jira.
(Qeerroo, Dubbayyuu Gootota Oromoo)
“Gaammeen waraanatti seenuun, waan sadiif tola; tokkoffaa, Gaammee keenya dirqama egereef qopheessa; lammaffaa, Dooriin keenya bilisummaafi nagaan shaakala taliigaa keessa akka darban godha; sadaffaa, Luboonni bilisummaa, araaraafi nagaan finnaafi birmadummaa biyyaafi sabaaf akka hojjatan gargaara. Biyyi Gaammee hinqabne, sabni Gaammee hingeessifanne hinkabajamu; hinsodaatamus!” Abbaa Gadaa Yaayyaa Fuullallee
“Kanneen gatii bilisummaan gaafattu keessaa ishii xiqqoo kaffaluu dadhaban, bifa kamiinuu bilisummaa hinargatan; fedhiin bilisummaa isaanii kun kan guutamu yoo ijaaramanii tokkummaan diina isaanii ofirraa buqqisaniidha. Saba ijaaramee roorroo diinaa dide, sirni kamuu cabsuu hindanda’u!” J/Baaroo Tumsaa
“Diinoti keenya ilmaan isaanii akka barumsa ammayyaa baratan jajjabeessu; ilmaan keenya immoo akkatti lafa qotaniifi horii tiksan akka barsiifannu nutti himu. Kun imaammata jallaa, sirna gabroonfataa keessaa bahuudha. Nutis, akka sabaatti barumsa ammayyaa argachuuf mirga guutuu qabna; sirni bittoota Habashaaf qaroomina abbale, yoo bilisummaa dhabuun ta’e malee saba keenyarraa waan hanqifamuuf hinqabu. Dhugaadha, bilisummaan hayyama ittiin waan fedhan mara dalaganii miti; bilisummaan hiree ittiin dhalatan, mirga dhalootaa, kan ittiin biyya ofii keessa loogii tokko malee birmadummaan jiraataniidha.” J/Magarsaa Barii
“Namni yaada qajeelaan sabaafi biyya isaaf yaadu, dhukkubsatuufi quuqamu, namni kamuu jireenya wayyaa’aafi qananii akka jiraatu fedha. Nama yaada qajeelaa qabuuf, lammiin isaa hiyyoomuufi inni sooromuun, lammiin isaa doofomuufi inni qaroomuun hingammachiisu. Haati akkuma mucaan ishii akka ittiin ofgubuuf ibidda itti hinkennine, hiyyummaafi doofummaa lammii isaa kan fedhu hinjiru. Haata’uutii, bekuufi beekuu dhabuun immoo akka nama walcaalchisu dagachuu hinqabnu.Kan barate mirga isaa gaafata; kan barate boodatti hafuun yookaan namoota kaanii gad ta'uun isa gaabbisiisa. Gatii Bilisummaa, fi hiikkaa mirgaa beekee, kanatu na jalaa hafe; kanatu natti hir’ate jechuu kan danda’u ummata barate qofaadha.” J.Taaddasaa Birruu
|